Fana: At a Speed of Life!

Iddoon tursiisa konkolaattoota jajjaboo daangaa ce’aa Ityoophiyaa Jibuutitti ijaarrame ebbifame

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2013 (FBC)- Iddoon tursiisa konkolaattoota jajjaboo daangaa ce’aa Ityoophiyaa Jibuutitti ijaarrame ebbifameera.
Ministir Deettaan Ministeera Geejjiba obbo Awwal Waagriis, ijaarsi tursiisaa kun meeshaalee baasii fi galiin dabalaa jiraachuurran kan ka’ee feedhii tajaajilamtoota guutuuf mootummaan murannoo qabu argasiseera jedhan.
Mootummaan Jibuutiis ijaarsa tursiisaa kanaaf deeggarsa taasiseefis galateeffataniiru.
Sirna eebbicharratti Ministir Deettaan Ministeera Geejjiba obbo Awwal Waagriis, Jibuuttitti ambaasaaddarri Ityoophiyaa Birhaanuu Tsaggayee, Ministirri Ministeera Geejjiba fi bu’uraalee misoomaa Jibuutii obbo Muusaa Moohaammadii fi hooggantoonni hojii mootummaa biyyatti argamaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.