Fana: At a Speed of Life!

Daangaan bulchiinsichaa fayyadamummaa uummataa ni mirkaneessa jedhame

Finfinnee, Hagayya 11,2014 (FBC)- Hoggantoonni olaanoon mootummaa naannoo Oromiyaa fi Bu;lchiinsa magaalaa Finfinnee daangaa bulchiinsaa magaalaa Finfinneefi Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee fayyadamummaa uummataa kan mirkaneessuufi nageenya waaraa kan cimsu ta’uu dubbatan.

Kanaan dura bulchiinsa magaalichaafi godina addaa Oromiyaa naannawaa Finfinnee gidduu daangaan jiraachuu dhabuusaan hawaasni komii akka kaasu taasisaa turuu yaadachiisuun, kun ammoo nageenya waaraafi misoomaa gufuu ta’aa turuu ibsaniiru.

Sadarkaa Ittaanaa Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti qindeessaan sektara Horataalee Mootummaa Dooktar Girmaa Amanteen, hojiin daangaa dangessuu hojiilee misoomaa qaamolee lameenii kan si’eessu ta’uu eeraniiru.

Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti Hogganaan Gurmaa’insa Siyaasa Magaalaa obbo Saadaat Nashaa gamasaaniin, daangichi fayyadamummaa uummataa lammiilee kan mirkaneessu ta’uu kaasaniiru.

Sadarkaa Itti aanaa Kantiibaatti hojii gaggeessaan magaalaa Finfinnee obbo Xiraatuu Bayyanaan, dhimmi daandaa bulchiinsaa daandessuu yeroo dheeraaf lafarra harkifachaa kan tureefi gaaffii uummataa ta’uu himan.

Hojiin daangaa bulchiinsaa daangessuu bu’uura heera mootummaa FDRI, Chaartara Magaalaa Finfinneefi Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaan daangeffamuu hoggantoonni kunneen ibsuu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.