Fana: At a Speed of Life!

Daawwattoota biyya keessaarraa galiin Birriin biiliyoonni 14, kan biyya alaarraa Doolaarri biiliyoonni 1 argamuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 16, 2016 (FBC) – Kurmaana1ffaa darbe keessa daawwattoota biyya keessaarraa galiin Birriin biiliyoonni 14, kan biyya alaarraa ammoo Doolaarri biiliyoonni 1 argamuu ibsameera.

Hojii dhabeeyyii kuma 17f carraan hojii uumamuus ibsameera

Kurmaana 1ffaa darbe kana keessa daawwattoota biyya alaa kuma 280 iddoolee haawwata Turistii garaagaraa daawwatanirraa galiin Doolaarri biiliyoonni 1 argamuu Ministeerri Turizimii ibseera.

Kan biyya keessarraa bara baajataa kana galii Birrii biiliyoona 68 walitti qabuuf karoorfamee Kurmaana 1ffaa keessa Birriin biiliyoonni 14.3 argamuu Hojii Raawwachiisaan Hariiroo Ummataa Ministeerichaa Obbo Alamaayyoohu Geetachoo ibsuu DhPI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.