Fana: At a Speed of Life!

Daballiin gatii akka hin taasifamnee fi bittaan akka tasgabbaa’uuf koreen adda hundaa’ee to’annaa taasisaa jira

Finfinnee, Eebila 21, 2013 (FBC)- Daballiin gatii akka hin taasifamnee fi bittaan akka tasgabbaa’uuf koreen adda hundaa’ee to’annaa fi hordoffii taasisaa jiraachuu Biiroon Daldalaa magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Hogganaan biirichaa obbo Abdulfattaa Yeesuuf ayyaanoota Faasikaa Fi Idaal Faxiir sababeeffachuu rakkoon dhiyeessii oomishaalee akka hin jiraanneef oomishaalee ayyanichaaf barbaachiisaan karaa waldaalee hojii gamtaa shamattootaan raabsamaa jiraachuu himaniiru.

Kutaa magaaloota garagaraatti gidduloota gabaa horii dhaabbii biiroochi ijaareen bittaan hoolaan, ree’ee fi sangaa raawwatamaa jiraachuu himaniiru.

Giddugalichatti keemikaallii farra ilbiisootaa biifamuu fi kan bituus ta’e gurguruu gara giddulichaa wayita seenuu ofiisaa weerara vaayrasii koroonaarra ittisuun qophii duraa taasisuu akka qaban hojjetamaa jira jedhaniiru.

Hawaasni sirna daldalaa darbamuu wayita argutti sarara bilbilaa  bilisaa 8588 irratti bilbiluun eeruu laachuu akka danda’aan ragaan Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinneerra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.