Fana: At a Speed of Life!

Daldala Alaa Bunaarraa galiin Doolaara miiliyoona 571 argame

Finfinnee, Amajjii 15, 2016 (FBC)- Baatiiwwan 6’n darbanitti Daldalaa Ala Bunaarraa galiin Doolaara miiliyoona 571 argamuu Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itiyoophiyaa beeksise.

Ittaanaan Daayrektaraa Abbaa Taayiticha Obbo Shaafii Umaar Faanaa Biroodkastingi Korporeetiif akka ibsanitti, galii oomishaa Bunaarraa argamu guddisuuf qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Keessattuu qulqullina oomishaa guddisuu, fuuncaa galteewwanii ammayyeessuu fi sharafaa alaa argamsisuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu kaasaniiru.

Baatiiwwan 6’n darbanittis buna toonii kuma 117 fi 955 gara biyyoota garaagaraatti ergamerraa, galiin Doolaara miiliyoona 571.4 argamuu dubbatan.

Buna Sidaamaa, Naqamtee, Yirgaa Caffee fi Jimmi omishaalee Buna adda durummaan gabaa alaaf dhiyaatan keessa ta’uun eerameera.

Malaakuu Gaddiftu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.