Fana: At a Speed of Life!

Daldala alaa cimsuun diinagdee biyyattii guddisuun barbaachisaa akka ta’e ibsame

Finfinnee, Muddee 14, 2012 (FBC) – Daldala alaa cimsuun diinagdee biyyatti guddisuun barbaachisaa akka ta’e Ministeerri Daldalaa fi Induustirii beeksise.

Waajjirri ministeerichaa rakkinoota daldala alaaf hudhaa ta’anii fi furmaata isaarratti oomishtoota, alergitootaa fi qaamolee mootummaa fi miti mootummaa dhimmisaa isaan ilaallatu waliin marii gaggeesseera.

Marichi idustiriin oomishaa daldala alaarratti rakkinootaa fi kallattii furmaatarratti kan xiyyeeffatedha jedhame.

Waltajjicharratti kan argamaan Ministiri Ministira Daldalaa fi Industirii aadde Fatilawarq Gabrezi’abiheer daldallii alaa biyyatti hanga barbaadameen guddachaa hin jiru jedhaniiru.

Daldala alaa cimsuun diinagdee biyyatti guddisuun barbaachisadha jedhaniiru.

Hanqinni sharafa alaa, kafaltiin tajaajila buufata Jibuutii olaanaa ta’uu, hanqina faayinaansii, hanqina dhiyeessii humna elektirikii fi rakkinoonni biro guddina damicharratti hudhaa ta’uu eeraniiru.

Ministeerri daldalaa fi industirii damicha guddisuuf industiriif haala mijataa uumuu, abbootii qabeenyaa ofitti hawwachuu fi oomishtoonni daldala alaarratti akka hirmaataaniif deeggarsa taasisuun xiyyeeffannoon hojjechaa jirachuun ibsaniiru jechuun Haaymaanoot Iyyaasutu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.