Fana: At a Speed of Life!

Daldala alaa irraa galiin Doolaarri Ameerikaa Miiliyoonni dhibbi 9 fi miiliyoonni 16 argame

Finfinnee, Muddee 3, 2012 (FBC) –Baatiiwwan arfan darban keessa daldala alaa irraa galiin Doolaarri Ameerikaa miiliyoonni dhibbi 9 fi miiliyoonni 16.21 argamuun ibsame.

Bara baajataa kana ji’oottaan arfan darban keessa oomisha qonnaa fi damee oomisha Albuudaa irraa galiin Doolaarri Ameerikaa miiliyoonni dhibbi 9 fi miiliyoonni 16,21 argamuu isaa Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii beeksiseera .

Bara baajatichaa baatiiwwan arfan darbanitti Doolaara Ameerikaa biiliyoona 1.07 argachuuf karoorfamee, galiin argame Doolaara Ameerikaa miiliyoona dhibba 9 fi miiliyoona 16 ta’uun ibsameera.

Raawwichi kan bara darbee yeroo walfakkaatu Doolaara Ameerikaa miiliyoona dhibba 8 fi miiliyoona 14.73 yoo madaallamu, caalmaa Doolaara Ameerikaa miiliyoona 101.48 qaba jedhameera.

Oomisha kanneen akka abaaboo, midhaan agadaa, dheedhii, ixaanii uumamaa, jimaa fi elektirikarraa galiin karoora ol argamuun himameera.

Oomishaalee baargamoo, midhaan dheedhii, uffata, buna, albuuda taantaalamii fi midhaan zayitaa gara biyya alaatti ergaman irraa ammoo galiin % 75 hanga % 99 argameera.

Akkasumas fuduraa fi muduraa, foon, gogaa fi bu’aa gogaa, meeshaalee elektirooniiksii, horii dhaabbii, aannanii fi bu’aa aannanii, baala shaayii irraa % 50 hanga % 74 argameera.

Gama biraan oomishaaleen kanneen akka dhugaatii, qoricha, keemikaala, meeshaalee ijaarsaa, mi’eessituuwwan, albuuda, bu’aa foonii fi sibiilotaa irraa sharafni alaa argame gadi aanaa (%50 gadi) ta’uu ragaan ministiricharraa argame ni agarsiisa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.