Fana: At a Speed of Life!

Daldalli Raashiyaa- Chaayinaa guddina olaanaarra gahuu gabaafame

Finfinnee, Hagayya 7,2014 (FBC)- Hariiroon dinagdee Raashiyaafi Chaayinaa guddina olaanaa argisiisaa jiraachuu gabaafameera.

Bara kana bittaafi gurgurtaan biyyoota lameen gidduutti taasifame Doolaara biiliyoona 200 gahuu akka danda’u Raashiyaatti Ambaasaaddarri Chaayinaa Zhaang Haanhiiy miidiyaa Riiyaa Noovoostitti himaniiru.

Hariiroon daldalaafi dinagdee biyyoota lameenii haala rakkisaa naannawaafi idil addunyaa dandamachuun bu’aa gaariifi guddina waaraa argisiisaa jiraachuu eeraniiru.

Baatiiwwan torban jalqaba bara 2022tti wal jijjiirraan daldalaa biyyoota lameenii % 29 guddachuun Doolaara biiliyoona 97.71 gahuu kaasaniiru.

Dameeleen dhiyeessii anniisaa, annisaa niwukilaraa, aveeshinii, hawaa, bu’uuraalee misoomaa, teeknooloojii diijitaalaa, qorichaa, anniisaa magariisaa, qonnaa, saayinsiifi kalaqaa ga’ee olaanaa qabaachuu eeraniiru.

Maddi:- RT

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.