Fana: At a Speed of Life!

Daldaltoota shaqaxaalee nyaataa seeraa ala dhoksaan kuusanii argaman 197 irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Gurraandhala 23, 2013 (FBC) – Godina Harargee Bahaatti Daldaltoota shaqaxaalee nyaataa seeraa ala dhoksaan kuusanii argaman 197 irratti tarkaanfiin fudhatamuu Waajjirri Daldalaa godinichaa beeksiise.

Gochaa Aalseerummaa shaqaxaalee nyaatarraati muul’atu ittisuuf koreen hundaa’ee gara hojiitti galuu bakka bu’aan Waajjira Daldalaa godinichaa obbo Mahaammad Ziyaad Kadir ibsaniiru.

Korichi hojii torbee tokko keessatti hojjeteen shaqaxaalee nyaataa dhokfamuun kuufamanii fi daballii gatii seeraan alaa taasiisan argachuu ibsaniiru.

Godinachi sakattoo tasa taasiifameen kuusawwan seeraan ala Zayita, Sukkaara, Daakuu, Ruuzii, Makaaronii fi kanneen biroon dhoksaan kuusanii argaman 197 saamsamuu himaniiru
.
Aanaa Haramayaa magaalaa Addelleetti Kuusawwan 3 keessatti zayitiin liitirri kumni 34, Ruuziin kuntaalli kumni 1 fi 850, Makooraniin kuntaalli kumni 1 fi 450, Daakuun kuntaalli 300 birrii miiliyoona 3tti tilmaamamu kuufamee argamuu eeraniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.