Fana: At a Speed of Life!

Dameen dhuunfaa guddina Itiyoophiyaaf murteessaadha-Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Sadaasa 17, 2016 (FBC)- Guddina Itiyoophiyaaf dameen dhuunfaa gahee murteessaa bahachaa jiraachuu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Yaa’ii 20ffaa Dhaabbata Misoomaa Indaastirii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irratti haasawaa taasisaniiru.

Haasawaa isaaniinis bara faranjootaa 2018 eegalee diinagdeen Itiyoophiyaa guddachuu fi hiyyummaa hir’isuuf kallattii maraan hojjechaa jiraachuu himan.

Gufuuwwan hedduu dandamachaa carraalee jiranirratti xiyyeeffachuun fooyya’iinsa taasisuun bu’aaleen garagaraa galmaa’uu eegaluus ibsaniiru.

Mul’atni keenyaa Itiyoophiyaan dameewwan garaagaraan humna kuufamaa qabdu addaa baasuu fi dhaabbilee qabduun akkasumas humna namaa barateen guddina ishee mirkaneessuudha jedhan.

Imalli Itiyoophiyaan gara badhaadhinaatti taasiftu daandilee guddina damee hedduu kan hordofeedha jedhanii, kunis guddina haqa qabeessaa galmeessuuf kan gargaaru ta’uu akeekaniiru.

Itiyoophiyaan damee indaastiriif dursa kennuun hojjechaa jiraachuu fi keessumaa dameen albuudaa guddina isheef abdii ta’uun bu’aan argame kan mul’isuudha jedhaniiru.

Hiyyummaa keessaa ba’uuf oomishtummaa dameewwan hundaa guddisuun, filmaatawwan invastimanti mijataa fi daldalaa uumuun ta’uu eeranii, haala qabatamaa biyyaalessaarratti kan bu’uureffate fooyya’iinsa imaammataa taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Fooya’iinsi imaammataa kunis invastimantiirratti hirmaannaa damee dhuunfaa dabaluu fi abbootiin qabeenyaa biyya alaa hojiilee invastimantiirratti akka bobba’an kan jajjabeessu ta’uu kaasaniiru.

Diinagdee biyyatti guddisuuf fooyya’iinsa imaammataa taasisuun dameewwan invastimantii hundaa banaa taasisuu himaniiru.

Dameewwan Qonnaa, tuuriizimii, ICT fi kanneen biroon guddina biyyattiif utubaa ta’uu eeruun damicha ammayyeessuuf hojiilee bal’aan hojjetamaa akka jiru yaadachiisaniiru.

Yeroo ammaas dameen qonnaa haala duraan ture keessaa ba’uun sadarkaa oomisha olaanaa walitti qabuun danda’muutti ce’uu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Qamadii, Bunaa fi Avokaadoon omishaalee galiin irraa argame ta’uun xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Waggoottan shanan darban waliigalaan lafa misoomuu danda’u hektaara miiliyoona 15.3 irraa gara hektaara miiliyoona 22.9’tti guddisuun akka danda’ame dubbataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.