Fana: At a Speed of Life!

Dantaa fi faayidaa ummata keenyaa kabachiisuuf araarama malee hojjechuurratti argamna-Preezdaant Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Qaammee 5, 2013 (FBC)- Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa bara haara sababeeffachuu erga dabarsaniiru.

Guutuun ergichaa akka armaan gadiitti dhiyaateera:-

Duraan dursee, waqtii Gannaa dabarsitanii baga ifa barii birraa agartan, baga geessan jechuun fedha. Waqtiin martinuu sona ofiisaa qaba. Ganni rooba nu badhaasee, waan facaafanne magarseera. Birraan aduu baasee miidhaan marge akka bilchaatuufi ija laatu godheera. Amma waan ganna guutuu itti dadhabaa baanetu firii argamsiisaa jira. Lagni guute hir’atee namni kan itti wal iyyaafatuufi asheeta boroofi balbalaa kan itti waliin qooddaturra geenyeerra.

Sonni waqtii gannaafi birraa kun baadiyyaatti warra oomishatuufi magaalaatti warra shamatatu kan wal quunnamsiisuu dha. Warri oomishee gabaa baasu sharafa argata. Warri shamatatee nyaatu ammoo dhiyeessii argata. Bariin birraa misiraachoo Abaaboo miidhagaa, magariisummaa naannoofi foolii urgaa achirraa madduun simannu hawwii guddaan kan eeggatamuu dha. Irra deebi’ee baga ittin isiin ga’e, baga barii birraa agartan yammuun jedhu gammachuu guddaatu natti dhagaa’ama.

Bara 2013tti qormaatota kumaafi kitila keessummeessineerra. Garuu ammoo mariifi marabbaan waan karoorfanneefi irree gamtoomeen waan raawwanneef qormaatota kanneen qolachaa injifannoowwan  dachaa galmeessineerra. Ni diigamu osoo jedhanii ijaaramnee, wal fixu osoo jedhanii waltumsinee, rakkoo keessatti tokkummaa cimsannee diinota keenyarratti injifannoo argachaa jirra. Dantaafi faayidaa ummata keenyaa kabachiisuuf araarama malee hojjechuurratti argamna. Birmadummaa biyyaafi bilisummaa waa murteessuu ummata keenyaa mirkaneessuurratti argamna. Boqonnaa seenaa qabeessi kun aggaammii jaarraa tokkoo oliif harka dhokataadhaan biyya keenyarratti godhamaa ture ifatti kan baaseefi tokkummaafi birmadummaa biyyaa eeggachuuf ergaa guddaa kan nuuf dabarseedha. Kanaafuu, har’a wayita ayyaana jala bultii bara haaraa 2014 kabajnu, maayikiroo sekoondii tokkoof dhimma nageenya biyya keenyaa eeggachuu dagachuu hin qabnu! Miiraafi qalbiin keenya hundi nageenya biyyaafi ummata keenyaarratti ta’uu qaba!

Carraa kanaan, gootota raayyaa ittisa biyyaa, poolisii idilee, humnoota addaafi qaamolee nageenyaa mootummaa naannoofi federaalaatiin baga jala bultii ayyaana bara haaraa geessan wayitan jedhu gammachuu guddaa waliinidha. Isin gootota seenaa keessan halluu miidhagaadhaan barreessaa jirtaniidha. Birmadummaa biyyaafi bilisummaa ummata keessaniitiif wareeggama kaffalaa jirtaniin injifannoowwan boonsaa galmeessitaniittu; har’as galmeessaa jirtu. Nutis yaboo nurra keessaniif amanamnee, bakka jirru hundatti maatiifi firoottan keessan waliin waan qabnu soorachuufi dhangaa waliin qooddachuuf murteessineerra. Kun ammoo ayyaana kana qofaaf osoo hin taane, itti fufiinsa jireenya dhala namaa hunda keessatti amanamummaa itti fufsiisuu qabnu akka ta’uuf ummata naannoo keenyaatiif waamicha imaanaa dabarsuun fedha.

Bara 2013 xumurre kanatti qormaatota kumaafi kitila keessa teenyee injifannoowwan dachaan galmeessine bu’aa wal hubannaa  hoggansaafi ummata keenyaati. Waamicha yeroo rakkoo dirmachaa, hojiiwwan misoomaa hunda keessatti daguu tokko malee hirmaachuudhaan milkaa’ina ol’aanaadhaan waan nuu geessaniif ummata keenyaaf galata guddaa qabna. Ammas taanaan, ummanni keenya kan dubbatuun ol kan hojjetu, bobbii  hojii misoomaafi waamicha mootummaa hundaaf qophii ta’uu qabatamaan agarsiisaa jira. Bara 2013tti pirojeektota kuma 11 ol xumurree hojii eegachiisuun keenya, horata hojii bara 2014 ta’uudhaan imala badhaadhinaa eegalle milkeessuuf akka oolu shakkii hin qabnu.

Ammas barri 2014 rooba gannaa qofa bara itti eeggannu miti. Misooma jallisii caalmaatti ammayyeessinee lageen keenyaan oomishtummaa qonna keenyaa bara dachaan itti daballuudha. Dhiyeessii teeknoloojii qonnaa dabaluudhaan kilaasteraan oomishuu caalmaatti jajjabeessuun cinaatti, qonna carraa hojii bal’aa uumu ni mirkaneessina. Oomishaalee biyya keessaa dachaan dabaluudhaan qaala’iinsa jireenyaa dandamachuufis ciminaan bara itti hojjennu ta’a. Kanuma faana, hojii ashaaraa magariisaa eegalle bara gara boqonnaa addaatti itti ceesifnuufi gumaacha biqiltuu biyyoota ollaatiif gochuu eegalle itti guddisnu ta’a.

Duudhaan ummata keenyaa inni biroon waliif yaaduufi waliif gadduu, wal deeggaruufi rakkoorraa wal baraaruudha. Gaaga’ama sababa balaa uumamaafi nam-tolcheetiin uumaman hedduu keessatti lammiilee miidhaman tumsuuf hirmaannaa bara 2013 keessa gumaachitan dinqisiifannaa addaatiin ilaalla. Barri 2014s bara duudhaa ummatummaa qabnu qabatamaan itti agarsiifnuufi eeggattummaa gargaarsaa jalaa itti baanu akka ta’u amantaa guutuun qaba. Hojii gaarummaa namaafi uumaa biratti gatii ol’aanaa qabu kana guyyaa ayyaana bara haaraatti akka eegaltaniif imaanaan isiniin jedha.

Bara 2013tti qormaatota turan hunda injifannee akka dabarruuf gargaarsi Waaqaa nu waliin tureera. Gamtaan irreefi hirmaannaan ummata keenyaa ashaaraa injifannoo hin haqamneefi hin laaqamne ta’ee galmaa’eera. Ammas bara 2014tti qormaanni nu faana darbe jiraatullee gargaarsi Waaqaa nu waliin jira. Ummata miiraafi qalbii guutuudhaan hidhatee, alkaniifi guyyaa nu waliin dhaabbataa jiruufi tarsiimoowwan hojii injifannoon nu ga’aa jiran qabannee ammas injifannoofi milkaa’inaan ni fullaana! Sodaafi yaaddoo jiru hunda carraatti geeddaruuf humna qormaata keessatti ijaarranne qabaachuu keenya, diinonni keessaafi alaa hundi akka dhaga’aniif sagalee ol kaasnee labsina. Irree gamtoomeen hojjennee badhaadhina dam-daneessa akka  milkeessinu shakkii hin qabnu. Barri 2014 bara milkii, kan injifannoofi badhaadhinaa nuuf haata’u.

Barri Quufaafi Gabbina!

Oromiyaa ni Ijaarra!

Itoophiyaa ni Utubna!

Gaanfa Afrikaa ni Tasgabbeessina!

Shimallis Abdiisaa

Qaammee 2014

Finfinnee

Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.