Fana: At a Speed of Life!

Dargaggoonni ajandaa humnoota badii fudhachuun gara bosonaa seenaan fedhii isaanii karaa nagaan akka dhiyeeffatan waamicha dhiyeesse

Finfinnee, Sadaasa 16, 2013 (FBC) –Dargaggoonni ajandaa humnoota badii fudhachuun gara bosonaa seenaan fedhii isaanii karaa nagaan akka mootummaatti akka dhiyeeffatan Itti Aanaan preezdaantii Beenishaanguul Gumuuz waamicha dhiyeessan.

Itti Aanaa preezdaantii mootummaa naannoo Beenishaanguul Gumuuz obbo Geetaahuun Abdiisaa dabalate hoggantoonni olaanoon naannichaa jarsolii biyyaa saba Gumuuz waliin mari’ataniiru.

Naannichatti badii garee muraasni uumeen hawaasni rakkoo keessa jiraachuu ibsameera.

Humnoonni ajandaa garee humnoota badii ABUT fudhatanii badiif socho’an karaa nagaan gaaffii isaanii akka dhiyeeffatan Itti Aanaa preezdaantii mootummaa naannoo Beenishaanguul Gumuuz obbo Geetaahuun Abdiisaa ibsaniiru.

Hogganaan waajjira Paartii Badhaadhinaa naannichaa obbo Yishaaq Abdulqaadir gama isaaniin, mirgi heera mootummaa ofiin of bulchuu wayita eegamee jirutti ajandaa diinaa fudhachuun jireenya lammiilee balleesuun gatii akka kaffalchiisu hubachuun yeroo gabaabaa keessatti furmaata argachuu akka qabu ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.