Fana: At a Speed of Life!

Deenmaark deeggarsa misoomaa Ityoophiyaaf taasistu cimsite akka itti fuftu beeksisfte

Finfinnee, Amajjii 16, 2015 (FBC)- Ittaanaa Muummee Ministiraa fi Ministiri Ministeera Dhimmaa Alaa Dammaaqaa Mokonniin, Ministira walta’iinsa misoomaa Deenmaarki fi Ministira Jiijjirama Qabeenya Qilleensaa Idil Addunyaa Daan Jargansi waliin mari’atan.

Marii isaaniin, Obbo Dammaqaan , Deenmaark miichuu misoomaa Ityoophiyaa jabduu ta’uu eeruun, hariiroon biyyoota lameenii gama hundaan akka cimu Fedhii Mootummaa Ityoophiyaa ta’uu ibsaniiru.

Obbo Dammaqaan, waliigaltee nageenyaa mootummaa fi ABUTgidduutti taasifamerratti ibsa kan kennan yoo ta’u, nageenya itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf kutannoon hojjechaa jiraachuu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Daan Jargansi gama isaaniin, Deenmaarki misooma Ityoophiyaaf deeggarsi taasistu cimee akka itti fufuu fi hariiroo walta’iinsa misoomaa Deenmaarkii fi Ityoophiyaa sadarkaa caalutti ceesisuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.

Mootummaa fi ABUT gidduutti waliigalteen nageenyaa mallatteeffame biyyattiitti nageenya waaraa mirkaneessuuf akka gargaaru abdii qaban ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.