Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Alchiisoo jedhamu horsiisee bultoota Booranaaf deeggarsa midhaan nyaataa taasiise

Finfinnee, Guraandhala 1, 2015 (FBC) – Dhaabbanni Alchiisoo jedhamu horsiisee bultoota Godina Booranaa hongeen miidhamaniif deeggarsa midhaan nyaataa Birrii miliyoona1.5 ta’u gumaacheera.

Midhaan nyaataa Birrii miiliyoona1fi kuma 500 oliin bituun gumaacheera.

Dhaabbatichi Karaa miidiyaa hawaasaa fi namoota dhunfaarraa Birrii miiliyoona 1fi kuma 500 walitti qabuun midhaan nyaataa kuntaala 300, zayita leetira kuma1fi 200, soogiddaa fi taankarii bishaanii abbaa leetira kuma 2 shan bituun deeggars taaisiisu walitti qabaan dhaabbatichaa Obbo Mallicha Guyyoo himaniiru.

Itti aanaan Bulchaa Godina Booranaa Obbo Abdisalaam Waariyoo dhaabbanni Alchiisoo yeroo rakkoo hongeetti horsiisee bultoota miidhamaa jiran waan qabaniin bira dhaabbachuu isaaniitiif galateeffachuun, qaamoleen biraas hawaasa kanaaf birmachuu akka qaban dhaamuu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.