Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Elektirikaa Gaanaa Paarlaamaan biyyattii hojiirra osoo jiruu tajaajila Elektirikaa irraa kute

Finfinnee, Guraandhala 22, 2016 (FBC) – Dhaabbanni Elektirikaa Gaanaa Paarlaamaan biyyattii kaffaltii waan hin raawwanneef hojiirra osoo jiruu tajaajila Elektirikaa irraa kutuu ibsame.

Paarlaamaan Gaanaa kaffaltii ibsaa Doolaara miiliyoona 1.8 waan hin raawwanneef hojiirra osoo jiruu Dhaabbanni Elektirikaa biyyattii tajaajila Elektirikaa irraa kutuu ibsameera.

Wayita ibsaan badu paarlaamaan haasaa pireezidantiin biyyattii guutuu biyyaaf dhaaman irratti marii gaggeessaa turuu eerameera.

Miseensonni Paarlaamaa biyyatti ifaan adda citee dukkana keessa taa’aa turuu miidiyaalee biyya keessaa Gaanaa gabaasaniiru.

Daqiiqawwan muraasaan booda Jenereetaraan ibsaan akka ifu taasiifamuu eerameera.

Paarlaamaan kaffaltii akka kaffalu ergaa itti himame kabajuu dhabuu isaan Ibsaa addaan kutuuf dirqamneerra jedhan Daayreektarri Kominikeeshinii Dhaabbat Elektirikaa biyyaattii Wiiliyaam Boo’aateeng.

Qaama kamuu gatii ibsaa hin kaffalerraa ibsaa ni kunna jedhan.

Boodarra Paarlaamichi miliyoona 1 kan ta’u dafee kaffalee, kan hafe torban tokko keessatti kaffaluuf waadaa galee jennaan ibsaan gadhiifamuufi BBCn gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.