Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Maayikiroo Faayinaansii Injifannoo Adwaa dhaabbata abbaa mul’ataa Raayyaa Ittisaa fayyadauudha-L/J Yilmaa Mardaasaa

Finfinnee, Bitootessa 27, 2016 (FBC)- Dhaabbanni Maayikiroo Faayinaansii Injifannoo Adwaa Dhaabbataa abbaa mul’ataa fuulduratti damee diinagdeen Raayyaa Ittisaa fayyadamaa taasisuudha jechuun Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan ibsan.

Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa dhiyeenya hundeeffamuun gara hojiitti kan gale Aksiyoonaa Dhaabbata Maayikiroo Faayinaansii Injifannoo Adwaa Birrii miiliyoonaa 10’n bittaa raawwateera.

Sirna bittaa aksiyoonichaarratti Ajaajaan Humna Qilleensaa Leetenaala Jeneraala Yilmaa Mardaasaan, dhaabbanni maayikiroo faayinaansii kun riifoormii dhaabbatummaan quubsumaa fi jireenyaa Raayyaa Ittisaa giddugaleeffachuun kan hundeeffame ta’uu ibsan.

Dhaabbatichis aadaa qusaannaa Raayyaa Ittisaa dagaagsuurra darbee liqii mijeessuun sadarka sadarkaan jireenyaa isaa akka fooyyeffatuuf dhaabbata hojjetu ta’uu hubachiisan.

Humni qilleensaas dhaabbaticha waliin hariiroo qabaatu cimsuuf aksiyoona miseensonni raayyaa dhuunfaan bitatanitti dabalataan akka dhaabbataatti bittaa aksiyoonaa Birrii miiliyoona 10 raawwachuun, fuuldurattis aksiyoona bitu guddisuuf kan hojjetan ta’uu kaasaniiru.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Faawundeeshinii Raayyaa Ittisaa fi Walitti Qabaan Boordii Waldaa Aksiyoonaa Maayikiroo Faayinaansii Injifannoo Adwaa Birgaadar Jeneraal Darajjee Magarsaa gama isaaniin, Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa akka dhaabbataatti bittaa aksiyoonaa raawwateef galateeffataniiru.

Kutaaleen Raayyaa Ittisa Biyyaa biroonis fakkeenyummaa Humna Qilleensaa hordofuun hojii dhaabbaticha waliin hojjechuu eegalan akka itti fufan gaafachuu Ragaan Raayyaa Ittisa biyyaaraa argme ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.