Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii qoqqoobbii meeshaalee waraanaa waggoota 30 oliif Somaaliyaarra kaa’ee ture kaase

Finfinnee, Sadaasa 22, 2016 (FBC) – Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii qoqqoobbii meeshaalee waraanaa waggoota 30 oliif Somaaliyaarra kaa’ee ture kaasuu ibseera.

Qoqqoobbichi akka ka’u guyyaa kaleessaa sagalee caalmaan murtaa’uu RTn gabaaseera.

Waldhabdee fi jeequmsa Somaaliyaatti bara bulchiinsa Siiyaad Baaree bara 1992 mudate hordofee daddabarsi meeshaalee waraanaa seeraan alaa biyyattiitti daraa babal’atee waan tureef Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii qoqqoobbii kaa’uun kan yaadatamuudha.

Naannawaa Baha Afrikaatti daddabarsi meeshaalee waraanaa seeraan alaa sodaa nageenyaa hammataa ta’ee turuu maddeen ni ibsu.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.