Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Twitarii Akkaawontiiwwan dhugaa Ityoophiyaa fi Eeritiraaf hojjetan ukkaamsaa jiraachuu gaazexeessitoonni komii dhiyeessan

Finfinnee, Sadaasa 24, 2014 (FBC) – Dhaabbanni Twitarii Akkaawontiiwwan dhugaa Ityoophiyaa fi Eeritiraaf sagalee ta’uun hawaasa idil addunyaaf saaxiluuf hojjetan ukkaamsaa jiraachuu gaazexeessitoonni rogeeyyiin miidiyaa hawaasaa komii dhiyeessaniiru.

Dhaabbatichi yaada Ityoophiyaanotaarratti xiyyeeffatee ukkaamsa jira jechuun gaazexeessituun Hermeelaa Aragaawwii komiishee ibsiteetti.

Rogeessii Miidiyaa hawaasaa Eeritiriyaa Simi’oon Tasfamaariyaam gamasaan, gochi haqa maleessi dhaabbatichaarraa amanamummaa fuula dhaabbatichaarratti shakkii uumaa jiraachuu ibseera.

Dhaabbatichi Akkaawuntiiwwan hedduu fuula Twiitariirratti beekkamtii argatanii fi dhugaa Ityoophiyaa fi Eeritiriyaa hawaasa Idil addunyaan ga’uun beekaman cufuu ibseera.

Akkaawontiiwwan cufaman gocha garee shororkeessaa ABUT balaaleffatanii fi duula sosochii ‘Ni Ga’a’ jedhuun dhiibbaa uumaa jiran ta’uu kaaseera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa

argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.