Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Zuuviiyas Laayifsaayins Ityoophiyaatti hojii Invastimantiirratti bobba’uuf daawwannaa taasise

Finfinnee, Sadaasa 20, 2014 (FBC) – Dhaabbanni Hindii qoricha oomishuurratti bobba’e  Zuuviiyas Laayifsaayins jedhamu Ityoophiyaatti hojii Invastimantiirratti hirmaachuuf daawwannaa taasisuu ibsame.

Jilli hojii gaggeessaa dhaabbatichaan durfamu hoggantoota olaanoo komishinii Invastimantii Ityoophiyaa waliin mari’ateera.

Marichi haalota invastimantii fuulduraa fi karoora isaaniirratti ta’uu himameera.

Mariin booda jilichi Paarkii Indaastirii Qilinxoo daawwachuu ragaan Komishinicharraa argame ni muul’isa.

Jilichi gara Ityoophiyaa osoo hin dhufiin dura gama koonfiransiin Komishinara Komishinii Invastimantii Ityoophiyaa Lalisee Namee, Itti aanaa Komishinaraa obbo Daani’eel Tarreessaa fi Ambaasaaddar Dammituu Hambisaa waliin Ityoophiyaatti haalota damee qorichaarratti hojjechuun danda’amurratti mari’achuun ni yaadatama.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.