Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbilee fayyaa dhunfaa filatamanitti talaalliin Vaayirasii Koronaa fi talaaliiwwan idilee kennamuu eegalan

Finfinnee, Guraandhala 15, 2016 (FBC)- Dhaabbilee fayyaa dhunfaa filatamanitti talaalliin Vaayirasii Koronaa talaaliiwwan idilee biroo waliin akka kennamuuf hojmaanni haaraan eegalamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Ministir Deetaan Ministeerichaa Dooktar Darajjee Dhugumaan dhaabbilee fayyaa mootummaatti dabalataan dhaabbilee fayyaa dhuunfaa filatamanitti talaalliin akka kennamu taasifamuun walta’iinsa dhaabbilee lameenii kan cimsudha jedhan.

Hawaasni magaalaa %35 ta’u tajaajila fayyaa kan argatu dhaabbilee fayyaa dhuunfaatti ta’uu eeruun, bara 2030’tti du’aatii haadholii fi daa’immanii hir’isuuf karoora qabame milkeessuuf gumaachi dhaabbileen fayyaa dhuunfaa taasisan barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Tajaajila talaallii qulqullina qabuuf xiyyeeffanaan kennamee kan hojjetamu ta’uus kaasaniiru.

Itiyoophiyaatti Daayrektarri USAID Joonaattaan Roos gama isaaniin, tajaajila fayyaarratti seektarri dhuunfaa sadarkaa barbaadamuun cimuu baatus naannawaa magaalotaatti saffisaan guddachaa jira jedhan.

Yeroo amma dhibamtoonni hedduun dhaabbilee fayyaa dhunfaa fayyadamaa jiraachuurraan dhaabbilee kanneen waliin walta’iinsaan hojjetamuu eehaluun damicha ni guddisa jedhaniiru.

Tajaajilichi dhaabbilee fayyaa filataman 40, keessumaa naannolee biyyattii 7 fi bulchiinsa magaalotaa lamaanitti kan hojjetamuu ta’uu ibsuu ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.