Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbilee mankuusaa qorichaa 22 irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Bitooteessa 9, 2012 (FBC) – Dhaabbilee mankuusaa qorichaa 22 irratti tarkaanfiin fudhatame.

Bulchiinsa magaalaa Finfineetti dhaabbilee mankuusaa 230 irratti sakattoo tasaa gaggeeffameen, 22 irratti tarkaanfiin fudhatamuu Abbaan Taaytaa To’annoo Nyaataa fi Qorichaa Ityoophiyaa beeksiseera.

Sababa vaayrasii koroonaan qaamolee daballlii gatii taasisan to’achuuf koreen hundaa’ee hojjechaa jiraachuu ibsameera.

Eeruu hawaasarraa dhufe irraa ka’uun magaalaa Finfinneetti guyyaa dheengaddaa fi kaleessaa sakattoo tasaa koreen kun gaggeessen qaamolee seeraan ala daballii gatii taasisanirratti tarkaanfiin fudhatamuun ibsameera.

Dhaabbilee sababa tokko malee daballii gatii taasisanii fi meeshaalee dhoksan 15 yoo saamsaman, 7f ammoo of eeggannoon kennameera.

Gama biraatin dhaabbanni eeyyama fudhateen ala gosa hojii biroorratti bobba’ee fi oomisha sadarkaadhaa gadi ta’e oomishaa ture tokko hojii akka dhaabu godhameera jedhame.

Dhaabbata fichisiisaa qorichaa fi rabsaa meeshaalee yaala fayyaa tokkorrattis tarkaanfiin fudhatamuu ragaan abbaa taayticharraa argame ni muul’isa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.