Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbilee Sukkaaraa 10 hojiin damee dhuunfaatti dabarsuu hojjetamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2013 (FBC) – Dhaabbilee Sukkaaraa 10 hojiin damee dhuunfaatti dabarsuu hojjetamaa jira.

Dhaabbilee Sukkaaraa 10 hojiin damee dhuunfaatti dabarsuu ofeeggannoo hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Maallaqaa beeksise.

Mootummaan rakkina damichaan jiru furuuf dhaabbile sukkaaraa 13 keessaa 10 gara dhuunfatti jijjiira jira.

Gorsaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Biruuk Taayyee Turtii Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeetiing waliin taasisaniin dhaabbilee gara qabeenya dhuunfatti ademsa dabarsuu hojiiwwan hedduun raawwatamuu ibsaniiru.

Qajeelfamootni dhaabbileen dhuunfaa gara damichaatti akkata itti galuu danda’an xumuramuu eeraniiru.

Hanga ammatti dhaabbileen 30 gara damichaatti dabalamuu akka barbaadan beekkameera jedhan.

Dhaabbileen Sukkaaraa gara qabeenya dhuunfatti adeemsa ceesisu qaamoolee dhaabbilee mootumaa isaan ilaallatu dhaabbanni gorsu miindeeffamuun adeemsi raawwachaa jiraachuu Dooktar Biruuk ibsaniiru.

Dhaabbileen Sukaaraa Matahaaraa, Ficaa’aa fi Wanjii yeroof mootummaa jala turu jedhameera.

Dhaabbileen Sukkaaraa Walqaayit, Balas 1 fi 2, Qasam fi kanneen hafan adeemsa sadarkaa jalqabaan gara damee dhuunfaa dabarfamu jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.