Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen Afrikaa Kibbaa Ityoophiyaatti dameewwan garaagaraarratti bobba’uuf daawwannaa taasisaan

Finfinnee, Eebila 25, 2013 (FBC) – Dhaabbileen Afrikaa Kibbaa Ityoophiyaatti dameewwan garagaraarratti bobba’uuf daawwannaa taasisaaniiru.

Afrikaa kibbaatti jilli Hoggantoota olaanoo dhaabbilee damee oomisha keemikaalaa, damee albuudaa, uffataalee fi kanneen biroorratti bobba’aan Ityoophiyaatti daawwannaa taasisaniiru.

Ityoophiyaatti filannoowwan invastimantii fi invastimantii kallattii alaarratti haala ittin hirmaachuu danda’aan irratti hoggantoota dhaabbilee olaanoo fi waajjiiralee ministeerootaa waliin daawwataniiru.

Dabalataanis bakka butoonni dhaabbilee dhuunfaa Ityoophiyaa jiran waliin marii taasisuu ragaan Imbaasii Ityoophiyaa Afrikaa Kibbaarra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.