Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen barnoota olaanoo dhuunfaa marii biyyaalessaaf gahee isaanii akka bahatan gaafatame

Finfinnee, Guraandhala 15, 2016 (FBC)- Komishinin Marii Biyyaalessaa hoggantootaa dhaabbilee barnootaa olaanoo biyyatti waliin mari’ate.

Waltajjicharratti Komishinarri Olaanaan Komishinichaa Pirofeesar Masfiin Ar’aayaan marii biyyaalessaan hojiileen bu’aa qabeessaa akka hojjetamaniif hunduu gahee isaanii bahachuu qabu jedhaniiru.

Hanga ammaattis abbootii amantaalee, dhaabbilee miidiyaa fi hawaasa idil addunyaa waliin mari’achuu kaasaniiru.

Dhaabbileen Barnoota Olaanoo dhuunfaas beekumsaa fi dhimmoota garaagaraan adeemsa marichaa keessatti gumaacha gama isaanii akka taasisan gaafataniiru.

Waltajjichaan yaadiddamaa fi barbaachisummaa Komishinii Marii Biyyaalessaa irratti hirmaattotaaf ibsa taasifameera.

Saamu’eel Warqaayyoo fi Solomoon Yittaayyootu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.