Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen Chaayinaa Ityoophiyaatti damee albuudaarratti bobba’uuf fedhii qabaachuu ibsan

Finfinnee, Bitootessa 21, 2015(FBC)- Ministirri Ministeera Albuudaa Injinar Habtaamuu Tagany abbootii qabeenyaa Chaayinaa waliin mari’ataniiru.

Maricharratti abbootii qabeenyaa Chaayinaaf filannoowwan invastimantiifi haalota mijatoo damee albuudaan jirurratti ibsi taasifameera.

Abbootiin qabeenyaa biyyattii filannoowwan invastimantii warshaalee sibiilaa, simmintoo, ji’ootermaalaa, qindeessa xaa’oo, boba’aafi gaazii uumamaafi kanneen biroorratti akka hirmaatan waamichi dhiyaachuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Dhaabbileen Chaayinaa Ityoophiyaatti damee albuudaa keessumaa simmintoo, galteewwan ijaarsaa, humna haareffamaafi kanneen biroorratti bobba’uuf fedhii qabaachuu ibsaniiru jedhame.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.