Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen garaagaraa lammiilee Godina Booranaa hongeen miidhamaniif deeggarsa taasiisan

Finfinnee, Bitootessa 2, 2015 (FBC) – Dhaabbanni gargaarsaa eegere, Hospitaala Yaaballoofi Yuunivarsiitiin Arbaamincii lammiilee Godina Booranaa hongeen miidhamaniif deeggarsa akaakuu taasisaniiru.

Dhaabbanni gargaarsa eegeree Birrii miliyoona15n midhaan nyaataa bituun deeggarsa taasiisuu dura taa’aan dhaabbatichaa Ustaazi Raayya Aabba Maccaa himaniiru.

Dhaabbatich birrii miiliyoona 60n bishaan baasuuf qophii ta’uu miseensi dhaabbatichaa Ustaazi Kaamil Shamsuun dubbataniiru.

Hospitaalla Yaaballoos qorichaa, midhaan nyaataafi zayita Birrii miliyoona 1 fi kuma dhibba 2n bituun deeggarsa taasiseera.

Yuunivarsiitiin Arbaamincii fi Abbaan qabeenyaa naannoo Magaala Arbaaminciitti hojjechaa jiran waliin ta’uun marga horii Birrii kuma dhibba 5 deeggarsa taasisuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii Godina Booranaarra argame mul’isa.
Obbo Silashii Muluu himan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.