Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen garaagaraa lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsa akaakuu taasiisan

Finfinnee, Bitootessa 1, 2015 (FBC) – Dhaabbileen garaagaraa godina Booranaatti lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 15tti tilmaamamu taasiisaniiru.

Yuunivarsiitiin Arsii deeggarsa midhaan nyaataa, Qorichaalee fi galteewwan yaalaa Birrii miiliyoona 4 baasu hawaasa godina Booraana hongeen miidhamaniif deeggarsa taasiiseera.

Deeggarsichi barattootaa fi hojjettoota Yuunivarsiitichaarraa kan argame ta’uu ibsameera.

Yuunivarsiitiin Arsii rakkoo hongee biyyattii mudateef furmaata waaraa laachuuf qorannoo fi qo’annoo adda addaa kan taasiisu ta’uu Diiniin Koolleejjii Qonnaa yuunivarsiitichaa Dooktar Bafiqaaduu Cammaraan eeraniiru.

Bifuma walfakkaatuun Waldaan Hojjettoota Ityoo Teelee Koom godina Booranaatti lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsa taasisuu ibsameera.

Waldichi deeggarsa midhaan nyaataa kuntaala 326fi bishaan abbaa leetira lamaa darzana 1700 Birrii miiliyoona lamaatti shallagamu taasisuu eerameera.

Waldaaleefi Dhaabbileen Ijaarsaafi Daldalaa lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsa akaakuu garaagaraa Birrii miiliyoona 9’tti tilmaamamu taasisuu ibsameera.

Ooliyaad Badhaaneefi Kominikeeshinii Godina Booranaatu gabaase.

#Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dab’u kanneen beealataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.