Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen kenniinsa tajaajilaa Bulchiinsa magaalichaatti ijaaramaa jiran hirmaannaa uummataa ni guddisu jedhame

Finfinnee, Bitootessa 21, 2015(FBC)- Dhaabbileen kenniinsa tajaajilaa Bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaafi tumsa uummataan ijaaramaa jiran hirmaannaa uummataa kan guddisan ta’uu ibsameera.

Tajaajjilli Kominikeeshinii Mootummaafi Bulchiinsi magaalaa Dirree Dawaa waliin ta’uun sagantaa daawwannaa garee ogeeyyii miidiyaafi kominikeeshinii qopheessaniiru.

Garichi hojiilee misoomaa garaagaraa magaalichatti hojjetamaa jiran daawwachuu eerameera.

Guyyaa har’aas Akkaadaamiin Ispoortii Dargagoota Dirree Dawaa, Piroojektiin fooyya’iinsa Istaadiyeemii Dirree Dawaa, Sararri Baaburaa Dirree Dawaa- Dawwalleefi Giddugalli Dhiqaa Kalee Hospitaala Saabiyaan daawwatamuu ragaan Tajaajila Kominikeeshinii mootummaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.