Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen Odeeffannoo Waraanaa Baha Afrikaa waliigaltee farreen humnoota nageenyaa waloon ittisuu mallateessan

Finfinnee, Eebila 9, 2014 (FBC) – Dhaabbileen Odeeffannoo Waraanaa Baha Afrikaa waliigaltee shororkeessitootaa fi farreen humnoota nageenyaa waloon ittisuuf dandeessisaan mallateessaniiru.

Dhaabbaleen kunneen ‘ Afrikaa nageenyii fi tasgabbinshee mirkanaa’e’ uumuuf dhimmoota daangaa, saayibaraa, miidiyaa hawaasaa, eegumsa naannoo, hoji dhabdummaa dargaggootaa fi hojii qorannoorratti waliin hojjechuuf waliigalaniiru.

Fooramiin odeeffannoo waraanaa biyyoota Baha Afrikaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, Ityoophiyaa, Jibuutii, Sudaan, Sudaan Kibbaa, Somaaliyaa, Taanzaaniyaa fi Ugaandaan hirmaataniiru.

Marichi yeroo itti aanuu Ugaandaatti kan gaggeeffamuu ta’uu ragaan Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaarra argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.