Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen qaama miidhamtootaaf haala mijataa uumuun itti gaafatamaa hawaasummaa akka bahatan waamichi dhiyaate

Finfinnee, Sadaasa 23, 2016 (FBC)- Dhabbileen tajaajila qaama miidhamtoota giddugaleeffate kennuuf haala mijataa akka uuman Ministeerri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa waamicha dhiyeesse.

Mata duree “Fayyadamummaa hundagaleessa qaama miidhamtootaa fi milka’ina galmoota misoomaaf walta’iinsa qabatamaa” jedhuun, guyyaan qaama miidhamtootaa akka Addunyaatti yeroo 32ffaaf, akka Itiyoophiyaatti yeroo 31ffaaf Naannoo Beenishaangul Gumuz Magaalaa Asoosaatti kabajameera.

Kabaja guyyichaarratti Ministirri Ministeeraa Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoggee Tasfaayee akka jedhanitti, hirmaannaa fi fayyadamummaa qaama miidhamtootaa gama hundaan mirkaneessuuf deeggarsi taasifamaa jiru cimee akka itti fufu gaafataniiru.

Jireenyi qaama miidhamtootaa akka fooyya’uuf hirmaannaa qindaa’aa akka barbaachisu himanii, kanaafis seerri dirqamsiisan akka hojiirra ooluu xiyyeeffannaan akka hojjetamu ibsaniiru.

Dhaabbileenis tajaajilaa qaama miidhamtoota giddugaleeffate kennuuf haala mijataa uumuun ittigaafatama hawaasummaa isaanii akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.

Pireezidaantii Ittaanaan Naannoo Beenishaangul Gumuz Geetaachoo Abdiisaan gama isaaniin, fayyadamummaa diinagdee qaama miidhamtootaa mirkaneessuun ittigaafatama hunda keenyaati jedhan.

Hojiilee jajjabeessaan eegalamanis fuulduratti xiyyeeffannaan hojjetamuu akka qaban akeekaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.