Fana: At a Speed of Life!

Dhaaltuun Goonfoo Sulxaan Aliimiiraahi aangoo Sulxaanummaa fudhatan

Finfinnee, Bitootessa 4, 2015 (FBC) – Sirni dhaala Goonfoo Sulxaan Ahimaad Aliimiiraahi naannoo Afaar Magaalaa Asaayitaatti gaggeeffameera.

Mootiin Afaar duraanii Sulxaan Haanfaree Aliimiiraahii waggootan dura boqochuu isaanii hordofee obboleessi isaanii Sulxaan Ahimad Aliimiiraahin muudama Sulxaanummaa fudhataniiru.

Sirna kanarratti Af Yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasee Caafoo, Pireezidaantii naannoo Afaar Awwal Aarbaa fi Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee hoggantoonni mootummaa federaalaa fi naannolee argamaniiru jedhame.

Akkasumas Ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa, bakka buutonni biyyoota Ollaa, Abbootiin amantaa fi keessummoonni waamichi taasiifameef sirna aangoo fudhachuu kanarratti argamaniiru.

Sulxaan Ahimad Aliimiiraahin Afaaritti Sulxaana 15ffaa ta’uun aangoo fudhataniiru.

Saamu’eel Warqaayehuutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.