Fana: At a Speed of Life!

Dhalattoonni naannoo Beenishaanguul Gumuz dhiibbaa humnoota farreen nageenyaa jala turan 289 giddu gala magaalaa Bulanii galan

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2014 (FBC) –Dhalattoonni naannoo Beenishaanguul Gumuz aanaa Bulanii gandoota Dooshii fi Mooch dhiibbaa humnoota farreen nageenyaa jala turan 289 giddu gala magaalaa Bulannii galaniiru.

Tarkaanfii qindaa’aa guyyaa har’aa qaamoleen nageenyaa naannoo fi federalaa waloon fudhataniin lammiileen dhiibbaa jala turan 289 humnoota farreen nageenyaa harkaa ba’uun magaalaa Bulanii galuu ibsameera.

Kutaalee hawaasaa kanneeniif deeggarsi barbaachisu hundi kan taasiifamu ta’uu ibsamuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannicharraa argame ni mul’isa.

Godina Matakkalitti hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu hojjetamaa jiru hordofee naannawichatti tasgabbiin bu’aa jiraachuu himameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.