Fana: At a Speed of Life!

Dhaloonni hunduu Kitaabicha keessatti ofii isaa arga jedheen amana-MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Bitootessa 9, 2015 (FBC)- Dhaaloonni hunduu Kitaabaa “Dhaaloota Ida’amuu” keessatti ofii isaa arga jedheen amana jechuun Ministirri Muummee FDRI Abiy Ahimad dubbatan.

Kitaabni “Dhaloota Ida’amuu” Ministira Muummee FDRI Abiy Ahimadiin barreeffame guyyaa har’aa Masaraa Mootummaatti eebbifameera.

Sirna eebba Kitaabichaarratti Ministira Muummee FDRI Abiy Ahimadiin dabalatee, Ministiroota, Miseensota Koree Hoji Raawwachiiftuu, Paartii Badhaadhinaa, Pireezidaantota Naannolee, qondaaltota mootummaa fi keessummoonni akkasumaas barattoonni biroon argamaniiru.

Kitaabichi Afaan Oromoo, Amaariffaa fi Ingiliffaan kan qophaa’e yoo ta’u, kutaalee sadii fi boqonnaawwan 10’tti qoodamuun, fuula 274 kan qabuudha.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad sirna eebbichaarratti haasawaa taasisaniin, galii kitaabicharraa argamuun naannoleen daandii mataa isaaniin erga gurguranii booda, galii isaa guutummatti ijaarsa dhalootaa fi hojiilee seenaa tursiisuu garaagaraarra akka oolchaan eeyyamaniiru.

Bu’uuruma kanaan Naannoon Oromiyaa Holqa Soofumar daawwattootaaf mijataa taasisuu, Naannoon Amaaraa Masaraa Mootummaa Faasiil Haaromsuu, Magaalaan Finfinnee dirreewwan shaakala Ispoortii ijaaruu, Naannoon Hararii bakkeewwan tuuristootaa misoomsuuf akka oolchaan himaniiru.

Akkasumas, Naannoon Sidaamaa Magaalaa Hawaasaa keessatti kan argamu Gaaraa Taaboor akka misoomsan, Naannoon Afaar Masaraa Mootummaa Sulxaana Awusaa Asaayittaa haaromsuu fi seenaa tursiisuu, Naannoon Kibbaa dhagaa umamamaa Xiyyaa tuuristootaaf mijataa taasisuuf akka oolchan ibsaniiru.

Dabalataan, Naannoon Ummatootaa Kibba Lixa Ityoophiyaa, Naannoon Gaambeellaa, Bulchiinsi Magaalaa Dirree Dhawaa manneen kitaabaa akka ijaaran, akkasumaas Naannoon Beenishaangul Gumuz Ashaaraa dhalootaa kan ta’e Gola Hambaa waa’ee Hidha Guddicha Haaromsaa Ityoophiyaa argisiisu galii argamuun akka ijaaran eeyyamaniiru.

Kitaabichi yaadamaa ida’amuun dhaloonni rakkoo biyyi keessa jirtu keessaa akka baatu taasisuuf waan gochuu qabu akeekuuf kan barreeffame ta’uu Ministirri Muummee Abiy Ahimad dubbataniiru.

Dhaloonni hunduu kitaabicha keessatti ofii isaa argaa jedheen amanas jechuun ibsaniiru.

Kan bade sirreessuu, injifannoowwan bal’isuu, walharkaa fuudhiinsaf waan gaarii gumaachuun, qajeltoowwan Dhaloota Ida’amuu akka ta’e hubachiisaniiru.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad kanaan dura Onkoloolessa 2012 kitaaba ‘Ida’amuu’ fi Guraandhala 2013 ammoo ‘Daandii Ida’amuu’ barreessuun dubbistootaan ga’uun ni yaadatama.

Habtaamuu Takilasillaaseetu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.