Fana: At a Speed of Life!

Dhaloonni xiiqa’ee duudhaa eegumsa qabeenyaa uumamaatti deebi’uu qaba-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Sadaasa 23, 2016 (FBC)- Dhaloonni ammaa d xiiqa’ee duudhaa eegumsa qabeenyaa umamaa ganamaatti deebi’uu qaba jedhan Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Pireezidaanti Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin “haala qabiinsa qabeenya umamaa irratti yoo dogogorre, homaa irratti sirrii hintaanu” jechamni jedhu hirkannaa dhalli namaa umama irratti qabu waliin yemmuu iilaalamu guutumatti sirriidha jedhan.

Abbootii fi haadholiin eegumsa qabeenya umamaa irratti duudhaa boonsaa qabaachaa akka turan yaadachiisanii, dagatamaa dhufuu duudhaa kana hordofee mancaatii olaanaan qabeenya umamaa muudachuu kaasaniiru.

Dhaloonni ammaa xiiqa’ee duudhaa eegumsa qabeenya uumamaatti yoo deebi’e gama tokkoon qabeenya uumamaa mancaatii oolchaa, gama biraatiin, ilmaan duudhaa abbootii fi haadholiin darban itti jiraataa turan mirkaneessuu fi milkeessuun akka danda’amuu amantaa qaban ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.