Fana: At a Speed of Life!

Dhalootaa 2ffaa gara Itiyoophiyaa dhufaa jiraniif simannaan taasifamu itti fufe

Finfinnee, Ebla 1, 2016 (FBC)-Waamicha taasifame hordofee Itiyoophiyaanota dhaloota 2ffaa gara biyyaa dhufaa jianiif simannaan taasifamu itti fufeera.

Haluma kanaan Minisir Deetaa Ministeera Tuuriizimi Leensaa Mokonnii fi Silashii Girmaa dabaltee qondaaltonni biroon dhaloota 2ffaa gara biyyaatti dhufaniif guyya har’a Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booletti argamuun simannaa taasisaniiru.

Itiyoophiyaanonni dhaloota 2ffaaf “Bu’uura seenaa keessan beekaa” (connect to your historical roots) dhaadannoo jedhuun sagataa waamichaa marsaa 2ffaa taasifameen gara biyyaa dhufaa kan jiran yoo ta’u, hanga Ebla 30’tti akka turu eerameera.

Marsa kanaan Itiyoophiyaanonni yeroo boqonnaa isaanii fayyadamuun seenaa biyya isaanii akka beekaniif kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru.

Fuuldurattis Seenaa Injifannoo Adwaa beeksisuuf kan kaayyeffatee fi seenicha barreesuu dabalatee biyyoota biroof qooduu akka danda’anitti waltajjiin marii kan gaggeeffu ta’uun eerameera.

Akkasumaas bakkeewwan hawwata tuuriizimii Dhaabbata Aadaa, Barnootaa Fi Saayinsi Mootummoota Gamtoomaniitti Galmaa’an 16’n filmaatawwan dijitaalawaan beeksisuuf sagantaaleen garaagaraa kan gaggeeffaman ta’uu himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.