Fana: At a Speed of Life!

Dhibee Gifiraa(Measles)

Finfinnee, Bitootessa 23, 2016 (FBC) – Dhibeen gifiraa dhukkuba daddarbaa vaayiresiidhaan dhufu ta’ee talaallidhaan kan ittifamudha.

Dhukkubni kun caalmaatti daa’imman irratti heddummaata.
Mallattoolee dhibee gifiraa

• Ho’ina qaamaa
• Qufaa/utaalloo
• Dhukkubbii ijaa/diimachuu ijaa
• Dhangala’aan funyaaniin ba’uu
• Shiftoo fuularra eegaluun gara kutaa qaama birootti babal’atu.

Rakkoo fayyaa wal xaxaa dhibee kanaan dhufu/complications/

• Duudummaa, Jaamummaa, Of wallaaluu, Miidhama sammuu, Rakkoo afuura baafannaa, Garaa kaasaa yeroo dheeraa fi Madaa’uu afaanii fa’adha.

Karaalee gifirri ittiin daddarbu

• Namarraa gara namaatti kallattiin yeroo qufa’an, dubbatanii fi haxxiffatan
• Tuttuqqii nama dhukkubsatee fi meeshaalee inni fayyadame
• Qilleensaan gara nama fayyatti darbuu danda’a.

Karaalee ittisa dhukkubichaa

• Talaallii Gifiraa(Measles vaccine) marsaa lamaan ji’a 9 fi15 tti fudhachuu
• Vaayitamin A fudhachuu
• Qulqullina dhuunfaa fi naannoo eeguu
• Tuttuuqqii dhukkubsataa irraa of eeguu fi
• Nama mallattoo dhukkubicha qabu dafanii gara dhaabbata fayyaa geessuu ta’uu ragaan Biiroo Fayyaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.