Fana: At a Speed of Life!

Dhibee ofirraa ittisuun osoo danda’amu dagannaan lubbuu namaa baasaa jiru TB

Finfinnee, Bitootessa 15, 2016 (FBC) – Dhibee ofirraa ittisuun osoo danda’amu dagannaan miidhaa hamaaf nama saaxilu TB.

Guyyaan TB addunyaa har’a kabajameera.

Guyyaan kunis ‘Eeyyee TB balleessuu ykn dhaabuu ni dandeenya’ mata duree jedhuun kabajameera.

Ka’umsi dhibee TB maali?

Dhibeen kun Baayikteeriyaa Maayikroobaayikteriyaam tiyuubarkiloosis [Mycobacterium tuberculosis] jedhamuun nama qaba.

Dhibee qaama sirna hargansuu keessattu somba miidhuudha. Akkasuma
– Kalee,
– Lafee dugdaa
– lafee
-Sammuu
– Xannacha Liinfiifi qaamota namaa biroo miidha.

Mallattoleen isaa;-
• Qufaa
• Dhukkuba laphee
• Ulfaatinni hir’achuu
• Ho’a qaamaa garmalee
• Galgala galgala garmalee dafqisiisuu

Maloota ittisa dhibicha;-
• Iddoo ukkaamamaarraa fagaachuu, ykn iddoo qilleensi haphatetti harkistuu qilleensaa [ventilator] fayyadamuu.
• Ifa uumamaa
• Qulqullina ofii haalaan eeggachuu.
.Yeroo qufaanu afaaniifi funyaan haguuggachuu.
Yaala dhibee TB
– Namni mallattoolee dhibee kanaa ofirratti arge utuu gara sammuufi lafee dugdaatti hin ce’iin mana yaalaa deemuun, ajaja ogeessa fayyaan qoricha isaaf malu fudhachuudha.
-Qorichoota kennamaan haalaan fayyadamuu.

Tajaajila fayyaa ga’aa fi hordoffii barbaachisu sirnaan hojiirra oolchinaan dhibee TB irraa guutummaan guutuutti fayyuun kan danda’amu ta’uu ragaan Koollejjii Yaala Fayyaa Barkumee Hospitaala Phaawuloosirraa argame ni mul’isa..

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.