Fana: At a Speed of Life!

Dhibee pooliyoo teknoolojiin gargaaramun to’achuuf Piroojektiin’pooliyoo Anteena’ jedhamu ifoome

Finfinnee, Fulbaana 14, 2016 (FBC) – Dhibee Pooliyoo Teeknoolojiin gargaaramun guutummaatti to’achuuf Yuunivarsiitiin Jimmaa fi Inistiityuutiin Artefishaal Intelejansii Piroojektii’pooliyoo Anteena ‘jedhamu ifoomsaniiru.
Tatamsaa’ina dhibee pooliyoo bifa dijitaala ta’een dursaanii too’achufi yoo mudateelee iddoo dhibeen kun itti mudateettu tarkaanfii hatatamaa fudhachuuf Piroojektiin kun qooda olaanaa qabaachuu hojii gaggeessaan piroojektichaa Hundee Dhaabaan ibsaniiru.
Dhibee Pooliyoo waaraan furuuf piroojektiin kun ga’ee guddaa kan ba’aatu ta’uu Yuunivarsittii Jimmaattii Daayrekterri Kaampaasii Inistiityuutii Teeknoolojii Dooktar Efreem Waaqjiraan eeraniiru.
Piroojektichi Baatii Adoolessaa bara 2015 gara hojjitti seenuu isaa ibsamera.
Tasfaahun Kabbadaatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.