Fana: At a Speed of Life!

Dhimmi waliin gahiinsa Fayyaa Afrikaanotaa Xiyyeeffannoo barbaada – Komishinii To’annoo fi Ittisa Dhibee Afrikaa

Finfinnee, Guraandhala 10, 2016 (FBC) – Dhimmi waliin gahiinsa Fayyaa Afrikaanotaa Xiyyeeffannoo kan barbaadu ta’uu Komishiniin To’annoo fi Ittisa Dhibee Afrikaa beeksise.

Hojiin Ittisa dhibeewwanii Afriikaa keessatti hojjetamu kan lakkoofsa uummata Ardichaa gitu tahuu akka qabu Daayreektarri Ittisaafi To’annoo dhibeewwanii Afriikaa Dooktar Jiin Kaasiyaa.

Biyyoonni Afriikaa ittisa dhibeewwaniifi qophaa’ummaa dhibeewwan weeraraan ka’anirratti ejjennoo cimaa qabaachuu qabus jedhaniiru.

Rakkoo weerara dhibeewwaniifi Ittisa isaan wal qabatanii mudatan furuuf biyyoonni miseensaa gahee bahataniin cinatti dhaabbileen deeggarsaas gahee isaanii bahachuu qabuus jedhan.

Fandiin yeroo weeraraa dhimma xiyyeeffannoo barbaadu tahuu kaasuun, yaa’iin dureewwan Afriikaa dhimmicharratti Kallattis ni kaa’aan kan abdatan ta’uu Dooktar Jiin Kaasiyaan.

Dhibeewwan weeraraan irra deeddeebiin Ardichatti mul’atan aarsaa guddaa kaffalchiisaa jiraachuu himaniiru.

Tajaajila fayyaa Lammiilee biiliyoona 1.4 gitu dhabuun balaa cimaa akka qaqqabsiisu himaniiru.

Kanaafuu biyyoonni miseensa gamtaa Afrikaa akkuma dhimma siyaasaaf xiyyeeffannoo kennan Ittisa dhibeewwaniifis xiyyeeffannoo kennuu qabu jedhaniiru.

Yidnaqaachoo H/Maariyaamtu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.