Fana: At a Speed of Life!

Dhimmoota haala yeroorratti qaamolee miidiyaaf ibsi laatame

Finfinnee, Sadaasa 10, 2013 (FBC) – Dhimmoota haala yeroorratti qaamolee miidiyaaf ibsi laatamuu himame.

 

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Dooktar Muluu Naggaa fi dubbii himaan yaa’insa ragaa labsii yeroo ariifachiisa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen dhimmoota haala yeroorratti qaamolee miidiyaaf ibsa laataniiru.

 

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Dooktar Muluu Naggaan duula olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraayitti gaggeeffamaa jiruu fi toora bulchiinsi yerichaa irratti xiyyeeffate hojjetu ilaalchisee ibsa taasisaaniiru.

 

Bulchiinsa yerichaan yakkamtoota seeratti dhiyeessuu fi dhimmi namoota seeraan ala hidhamanii kan ilaallamu ta’uu eeraniiru.

 

Naannoo Tigraayitti dirree siyaasaa babal’isuuf jecha kutaa hawaasaa balaaf saaxilamaniif deeggarsi namoomaa kan taasiifamu ta’u dubbachuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni agarsiisa.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.