Fana: At a Speed of Life!

Dhimmoota tarsiimawaa Mootummaa fi Paartileen morkattootaa irratti mari’achuu qaban murteessuuf mariin gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 13, 2016 (FBC) – Dhimmoota tarsiimawaa Mootummaa fi Paartileen morkattootaa itti fufiinsaan irratti mari’achuu qaban murteessuuf mariin gaggeeffamaa jira.
Sadarkaa Itti Ministira Muummeetti Itti Gaafatamaan Qindeessa Giddula Ijaarsa Sirna Diimookiraasii Obbo Adam Faarahi fi hoggantoonni Paartilee Siyaasaa ajandaa marii adda baasuu fi adeemsa marii murteessuuf marii gaggeessaa jiru.
Marichi Mootummaa fi Paartilee siyaasaa gidduutti adaa tumsaa cimsuu fi morkii fayyaa qabeessa hordofuuf kan dandeessisu ta’uu Obbo Adam Faarahi eeraniiru.
Mootummaan nageenya waaraa mirkaneessuu, olaantummaa seeraa kabachiisuu fi sirna siyaasaa ammayyeessuuf tattaaffii taasiisu paartileen morkattootaa akka tumsan haala mijataa kan uumu ta’uu kaasaniiru.
Marii gara fuula duraatti Ministira Muummee waliin taasifamu keessatti dhimmoonni tarsiimoo siyaasaa, diinagdee, hawaasummaa fi dippiloomaasii biyyoolessaa adda baafamuu akka qaban dubbataniiru.
Hoggantoota Paartii Badhaadhinaa dabalatee hoggantoonni paartilee siyaasaa biyyaalessaa biroon waltajjicharratti argamaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.