Fana: At a Speed of Life!

Dhiyeessiin humna elektirikaa sababa walitti bu’iinsaan addaan cite ture %99 deebi’uu ibsame

Finfinnee, Amajjii 29, 2015(FBC)- Dhiyeessiin humna elektirikaa sababa walitti bu’iinsaan addaan cite ture %99 gara tajaajilaatti deebi’uu Humni Elektirikaa Ityoophiyaa beeksise.

Buufataaleen raabasaa kiiloovooltii 230 qaban 8 fi 132 qaban 5 suphamuun tajaajila kennaa jiraachuu ibsameera.

Sararri daddabarsaa abbaa kiiloovooltii 230fi 132 dheerina kiiloomeetira kuma 1fi 561 qabu suphamuun tajaajilaaf qophaa’uus eerameera.

Dhaabbatichi hojiileesaa kan hojjete gama Kaaba Bahaan sararawwan Kombolchaa, Waldiyaa, Allaamaaxaa, Kaaba Lixa Walqaayiti, Humaraafi Shiree ta’uu eereera.

Buufanni raabsaa Dooroo Gibir buufata socho’aarraa gara buufata dhaabbiitti jijjiiramuu ibsameera.

Sararoonni gara Cifraa, Haraa Gabayaafi Affaaritti bakkeewwan murtaa’an humna akka argataniif hojiin to’annoo kan hojjetamu ta’uu ibsameera.

Hojiin isaas torban tokko keessatti kan xumuramu ta’uu Daayrektarri Kominikeeshinii dhaabbatichaa Mogas Mokonnin Faanaa Biroodkaastiinig Koorporeetitti himaniiru.

Hojiilee biro osoo hin dabalatiin hojii suphaa qofaaf Birriin miiliyoonni 328 ol baasii ta’uu kaasaniiru.

Yohaannis Darribawutu gabaase.

#Ityoophiyaa #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.