Fana: At a Speed of Life!

Diippiloomaatonni Ityoophiyaa faayidaa biyyaa kabachiisuuf hojjechaa jiru -obbo Gadduu

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2012 (FBC) – Diippiloomaatonni Ityoophiyaa faayidaa biyyattii kabachiisuuf hojjechaa jiru jedhan ministirri Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw.
 
Diippiloomaatota faayidaa biyyaa kabachiisuuf socho’aniin cinaatti, hanqina beekumsaa fi rakkoo ilaalchaarraa kan ka’e kaayyoo ergamaniifin ala kan socho’an sirreessuuf kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.
 
Ministirichi turtii Tajaajila Oduu Ityoophiyaa waliin taasisaniin akka beeksisanitti, dhimma Hidha Haaromsaa fi laga Abbayyaarratti diippiloomaatin biyyasaa cinaa hin dhaabbanne jiraachuu hin qabu jedhaniiru.
 
Marii hidhichaarrattis namni hunduu biyyasaa cinaa dhaabbachuu qaba jedhan obbo Gadduun.
 
Diippiloomaatonni Ityoophiyaatis faayidaa biyyaa kabachiisuuf halkanii guyyaa yeroo qaban maraan hojjechaa jiraachuu beeksisaniiru.
 
Dhimma Hidha Haaromsaa fi laga Abbayyaarratti mirga fayyadamtummaa haqaqabeessaarratti hubannaa uumuuf hojjechaa jirus jedhan.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.