Fana: At a Speed of Life!

Dippiloomaatoonni faayidaa biyyaaleessaa kabachiisuuf hojjechuu qabu jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2014 (FBC) –Dippiloomaatoonni faayidaa biyyaaleessaa kabachiisuuf yeroo kamiiyyuu caalaa hojjechuu akka qaban Ministeerri Dhimma Alaa beeksiise.

Ministeerichi leenjii Dippiloomaatoota, hojjettootaa fi dhaabbilee waamamtootaaf marsaa 2ffaan kennaa ture ilaalchisee Addabaabayii michummaatti sagantaa cufiinsaa gaggeessera.

Leenjitoonni turtii isaaniin ergama isaanii ga’umsaan xumuruuf kan isaan dandeessisu goonfachuu Itti aanaan Muummeen Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin waltajjicharratti argamuun haasawa taasiisaniin ibsaniiru.

Dippiloomaatoonni kunneen wayita gara hojiitti galan maqaa gaarii biyyaa ijaaruu fi faayidaa biyyaaleessaa kabachiisuuf yeroo kamiiyyuu caalaa hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.