Fana: At a Speed of Life!

Dirree Dhawaatti Abbootii qabeenyaa Kaappitaala Birrii Biiliyoona 35.7 galmeessaniif eeyyamni kenname

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2016 (FBC)- Baatiiwwan sadan darban Abbootii qabeenyaa kaappitaala Birrii biiliyoona 35.7 galmeessaniif eeyyamni invastimantii kennamuu Biiroon Daldalaa, Indaastirii fi Invastimantii Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa beeksise.

Biirichatti Dursaan Garee Qorannoo Pirojektiifi Piromooshinii Invastimantii Abarraa Mangistuu FBC’f akka ibsanitti, kurmaana jalqabaa waggaa kanaatti abbootii qabeenyaa 125’f eeyyama invastimantii kennuuf karoorfamee abbootii qabeenyaa 113’f kennamuun danda’ameera.

Abbootiin qabeenyaa dameewwan indaastirii oomishaa, tajaajilaa, konistiraakshinii, qonnaa fi dameewan biroorratti bobba’uuf akkaataa karoora dhiyeessaniin eeyyamichi kennamuu dubbataniiru.

Abbootiin qabeenyaa kunneenis wayita hojii eegalanitti lammiilee kuma 10 ol ta’aniif carraa hojii yeroo fi dhaabbii akka uuman kan eegamu ta’uu himaniiru.

Waggaa waggaan filmaatawwan invastimantii jiran hojiilee beeksisuu hojjetamaniin lakkoofsi misoomsitootaa dabalaa jiraachuu eeraniiru.

Bara baajataa kanattis abbootii qabeenyaa 500 oliif eeyyama invastimantii kennuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu Obbo Abarraan dubbataniiru.

Tashoomaa Haayiluutu Gabaase

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.