Fana: At a Speed of Life!

Dirree Dhawaatti galiin Birrii Biiliyoona 2.5 walitti qabame

Finfinnee, Caamsaa 3, 2015 (FBC)- Magaalaa Dirree Dhawaatti baatiiwwan saglan darbaan galiin Birrii biiliyoona 2.5 walitti qabame.

Abbaan Taayitaa galiiwwanii bulchiinsa magaalichaa galii walitti qabuun guddina diinagdee magaalattii mirkaneessuuf hojiilee bal’aa hojjechaa jiraachuu Daayrektarrii Abbaa Taayitichaa Obbo Abdusalaam Mahaammad dubbataniiru.

Waajjirri Abbaa Taayitichaa bara baajataa 2015, baatiiwwan saglan darban taaksii kallattii, kallattii hintaanee fi galii mana qopheessaa Birrii biiliyoona 2 fi miiliyoona 145 fi kuma 618 ol walitti qabuuf karoorfamee keessaa galiin Birrii Biiliyoona 2 fi miiliyoona 564 fi kuma 188 ol walitti qabamuu ibsaniiru.

Galiin walitti qabame kan bara darbeen yoo walbira qabamu Birri biiliyoona 1 fi miiliyoona 21 fi kuma 181 ol caalmaa akka qabu eeraniiru.

Bulchiinsi Magaalichaa Barana galii Birrii biiliyoona 3 ol waliitti qabuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuun ibsameera.

Tashoomaa Haayiluutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.