Fana: At a Speed of Life!

Dirriirsi sarara elektirikii projaktii bishaan Jibuutii marsaa jalqabaa xumurame

Finfinnee, Onkololeessaa 12, 2013 (FBC) – Dirriirsi sarara elektirikii projaktii bishaan Jibuutii marsaa jalqabaa xumurame.

Marsaa lamatti qoodamee raawwataamaa kan jiru dirriirsi sarara elektirikii projaktii bishaan Jibuutii marsaan jalqabaa xumuramuun ibsame.

Projaktichi naannoo Somaalee magaalaa Adigaalaa fi Kuulan gidduutti ijaaraam kan jiru yoo ta’u, boolla gadi fagoo 28 fi buufata paampii kuusaa biishanii lama qaba jedhameera.

Kaayyoo olaanaa projaktichaa hariiroo ummata biyyoota lamaanii cimsuu, ummata Jibuutii fayyadamaa bishaan dhugaatii qulqulluu taasisuu fi galii gurgurtaa humnarraa argamu guddisuu ta’uu ibsameera.

Projaktichaaf waliigalaan Birrii miiliyoona 49 baasii taa’uu ragaan Tajaajila Elektirikaa Ityoophiyaa irraa argame ni muldhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.