Fana: At a Speed of Life!

Diyaaspooran baatiwwan 3 darban Doolaaraa Biiliyoona 1.1 karaa seera qabeessan gara biyyaa erguu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 13, 2014(FBC) – Diyaaspooran baatiwwan 3 darban Doolaaraa Biiliyoona 1.1 karaa seera qabeessan gara biyyaa erguu Ejansiin Diyaaspooraa Ityoophiyaa beeksiise.
Maallaqni Diyaaspooraan gara biyyaa erguu yeroo gara yeroo dabalaa dhufuu Daayreektarri Kominikeeshinii Ejansii Diyaaspooraa Ityoophiyaa obbo Wandawasan Girmaan ibsaniiru.
Bara 2013 karaa seera qabeessaan Doolaarri biiliyoonni 3.6 kan ergame yoo ta’u, bara kana garuu baatiwwan sadan darban qofa Doolaarrii biiliyoonni 1.1 karaa seera qabeessan ergamuu himaniiru.
Baatiwwan sadan darban Diyaaspoorawwan kumni 1 fi 400 akkaawuntii banachuun Doolaara biiliyoona 1.1 gara biyyaa erguu kaasaniiru.
Akkasumas Raayyaa Ittisaaf, deeggarsa namoomaa fi lammiilee buqqa’an deebisanii dhaabuuf kan oolu akaakuu fi maallaqaan deeggarsa taasiisaa jiraachuu obbo Wandawasan ibsaniiru.
Kurmaana 1ffaa kanatti qofa Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 25 ol deeggarsa taasiisuu himaniiru.
Proojektoota biyyaalessaaf Birrii miiliyoonni dhibba 2 fi miiliyoona 51 ol walitti qabamuu kaasaniiru.
Diyaaspooraan dhimmoota biyyaaleessaa kamiiyyurratti hirmaannaa cimaa taasiisuuf kaka’umsa qabaachuu obbo Wandawasan mirkaneessaniiru.
Maddi:-TOI
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.