Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad Hordooftoota Amantaa Kiristaanaatiif erga baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Eebila 23, 2013 (FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ayyaana Faasikaa sababeeffachuun Hordooftoota Amantaa Kiristaanaatiif erga baga geessanii dabarsaniiru.
Dooktar Abiy Ayyaana Faasikaa bara kana kan kabajnuu abdii fi qormaatilee nu mudataan mo’achuu keessaa taaneeti jedhaniiru.
Goofta iyyesuus kiristoos dhiphina fannoorratti argeen fannifamee guyyaa sadiiffaatti du’a injifatee ka’eera.guyyaan kunis hordooftoota amantichaa biratti guyyaa kabajamaadha.
Faasikaan Ityoophiyaa har’aas hedduuf dukkanaa kan hin muul’dhannee, yoo himamee kan hin dhaga’amnee, kan qaqqabatamee fakkatee muul’achuu danda’aa. dhumnisaa garuu faasikaan biyyaa keenyaa dhugaa ta’uusaarra kan jijjiiruu miti.
Hundi keenyaa dhugaa kana arguu fi harkan qaqqabannee hanga mirkaneessinuutti yeroo fudhachuu danda’aa. Guyyaan sun dhufuufi dhugaa ta’uunsaa garuu kan ooluu miti jedhaniiru.
Fuldura keenyatti kan gaggeeffamuu filannoon marsaa 6ffaa Ityoophiyaadhaaf faasikaan kan gumaachuuf keessaa isa tokkodha.
Baroota dheeraaf diimookiraasii yaada tureerraa.daandiiwwan keenyaas dukkanaan, hokkoraan, qoreedhaan, dhiphinaa fi du’aan kan guutamee ture.
Yaa ta’u malee du’aa booda faasikaan akka dhufuu, dhiphinaa booda gammachuun akka dhufuu, dukkunaa booda ifni akka dhufuu Faasikaa Goofta Yeesuus Kiristoos irra barannee diimookaraasii biyya keenyaa milkeessuurra geenyeerra jedhan.
Guutiinsa bishaanii marsaa 2ffaa baatii Adooleessa gaggeessuuf aariitiin eegaa jirra. Caalmaatti yeroo gara abdiitti dhiyaannuu qormatichiis cimee itti fufeera, nuti gama kanaan filannoo gaggeessuu fi ijaarsa hidha haaromsaa keenya milkiin xumuruuf haala fi yeroo waliin morkii yoo taasifnu, qormaatileen keenya gama biraan nun nu gufachiisuuf kiyyoo akka ka’aan dagachuu hin qabnu.
Har’as shiftoonni daandii keenyaarra balaa ka’uun Faasikaa keenyaan akka hin argineef hanga danda’aan ni yaalu, yaalaas jiru. Lammiiwwan keenyaa ajjeesuu, qee’eerra buqqisaa jiru jedhan.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.