Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad Hospitaala Rifaraalaa Ispeeshaalayizdii Raayyaa Ittisaa magaalaa Bishooftuutti ijaarame eebbisan

Finfinnee, Caamsaa 10, 2016 (FBC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Hospitaala Rifaraalaa Ispeeshaalayizdii Raayyaa Ittisaa magaalaa Bishooftuutti ijaarame eebbisaniiru.

Ministirri Muummee FDRI Abiy Ahimad, Giiftii duree Zinnaash Taayyaachoo,Itaamaajor Shuumii waliigalaa Raayyaa Ittisaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa, Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Ministira Raayyaa Ittisa Biyyaa Dooktar Abrahaam Balaay dabalatee keessummoonni garagaraa saganticharratti argamaniiru.

Hospitaalichi tajaajila laaboraatoorii sadarkaasaa eeggate kan kennu, giddu gala oksijiinii mataasaa kan qabuufi siree ciibsanii yaaluu 400 qaba jedhame.

Wal’aansi yaala biyyaa alaa kamuu karaa Hospitaala kanaa darbuu akka qabu Dooktar Abiy hubachiisaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.